Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaa Gootota Oromoo fi Dhaamsa Barruun Xirroo Kenya Irraa Qabu.

 

IJOO DUBBII


BAGA AYYAANA GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN!


Beekumsaafi Qaroomina Jaarmayaa WARRAAQSAAn Haaqabsoofnu! Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa seenaa sabboonsaa barayyuu leellifaman hedduu qabna. Seenaa keenya duubatti deebinee qorachuun keenyas waan dabaa callaa baafnee ittiin gaabbaa jiraachuuf otuu hinta’iin, seenaa sabboonsaa keessaa waan egeree dhaloota keenyaa daran jabeessu yayyabachuuf ta’a. Baroota 1970moota keessa waan qabsoon bilisummaa Oromoo galmeesse keessaa tokko, qabsoo diddaafi fincila ummata keenya walitti deebisanii adda tokko jalatti ijaaruuf walitti dhufuu danda’uu sabboontotaa ture. Yeroo sanatti ijaaramanii qabsaa’uuf walitti dhufuu san akka laayyootti kanneen ilaalan jiraachuu malu. Garuu, jaaramuuf walitti dhufuun sun bu’aa bahii akkamii keessa akka darbe kanneen beekan warreenuma waan san keessatti kallattiin hirmaataniidha. Dhugaatti, jaaramuuf walitti dhufuunuu, qabsoo Oromoo bara dheeraaf faffaca’ee tureef, hiikkaa addaa qaba. Jaaramuuf walitti dhufuun sun jalqaba qabsoo bilisummaati; jaaramanii waliin turuun immoo guddina qabsoo bilisummaati. Kana hunda keessa darbanii, jaaramanii waliin hojjachuu danda’uun milkaa’ina injifannoo qabsoo bilisummaati. Kanaaf, barri jaarmayaa sun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bara Jaarmayaa Warraaqsaa ta’uun yaadatama. Qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa jaarmayaa warraaqsaa dhaqqabuun, waan karaatti hafeefi sadarkaa badii irra dhaqqabee ture dandamachisee, akka deebi’ee dhalatu taasisee jira. Jaarmayaan Warraaqsa bilisummaa Oromoo kunis, haga akeeka bilisummaaf jabaatee, qaroomee hojjatetti galii isaa maayii akka dhaqqabu hinmamsiisu.

Dhalooti keenya yeroo guyyaa gootota Oromoo yaadatan kanatti, jaarmayaa isaanii beekumaafi qaroominaan jabeeffachuu irratti xiyyeeffachuu qaban. Qabsoon jaarmayaa hinqabne, akkuma humna hinqabaanne, jaarmiyaan beekumsaafi qaroominaan hinhojjannes dafee galii isaa hindhaqqabu. Marayyuun Dr Mahaammad Hasan, ayyaana guyyaa Goototaan dahatanii dhaloota keenyaaf barsiisaa jiranis, jaarmayaa jabaafi ititaa qabachuu malee waanti bilisummaa Oromoo dhugoomsu akka hinjirreedha. “Jijjiirama dhufu irraa bu’aa argachuuf sabni keenya jaaramayaa isaa jabeeffachuu qaba. Sabni qabsoo isaa hinjabeeffanne, hinsodaatamu. Bilisummaan manatti namaaf hindhufu; bilisummaa kan namaaf fidu, jaarmayaa jabaafi qaroodha. Garuu, kan jaaramee bilisummaa fidu dhala namaati. Namni jaaramee, qindoomee, jijjirama jiru irraa faayidaa argachuu qaba.Yoo nuti jabaanne malee, eenyu illee waa nuuf gochuu hindanda’u. Waan ummata Oromoo irra gahaa jiru, kan hiiku numa Oromoodha. Qindoomnee lollu malee diina ofirraa hinbuqqifnu. Nuti jabaannu malee waanti nuuf dhufu hinjiru. Yoo nuti hinjabaanne eenyu illee dhufee bilisummaa
keenya nuuf fiduu hindanda’u. Humna dhabuun keenya akka garboofnu nu
godhee jira.”

Jaarraa 16ffaa keessa dhalooti diina dhawanii baasan, Gaammeen gootummaa bara sanaan biyyoofi biyya keenya kabachiisanii turan. Gootummaan Gaammee sun, akka sabni keenya kabajamee jiraatu godhee jira. Haata’uutii, gootummaan Gaammee sun akka bara diinabaas sanatti jabaatee waan itti hinfufneef, Oromoon humna diinaan cabuu danda’e. Yeroo ammaattis, diddaafi fincilli bakkayyuutti belbelaa jiru, bilisummaa sabni keenya dhabee garbummaa jalatti kufe san deebisanii bilisoomsuuf; mirga dhalootaa sabni isaanii sarbaman san deebisanii ittiin bilisummaan jiraachuuf. Dhalooti keenyas har’a biyya egere
bulchuuf deeman dursanii tifkachuu qaban. Dhalooti keenya biyyoofi biyya isaanii harqoota garbummaa jalaa kan baasan jaarmayaa isaanii itichanii, beekumsaafi qaroominaan yoo humneessanii dha. Gaammee Oromoo bara durii sanis akka haaraatti deebisanii ijaaruun Gaammee Warraaqsaa taasisuun, akka qabsoon bilisummaa saba keenyaa fardiitti galii isaa gahutti hojjachuun nu irraa eegama.

Har’atti dhimmoota hayyoota Oromoo akka Dr Asaffaa Jaalataa yaaddessan
keessaa inni muummees waan ummati Oromoo keeessatti argamu callaa miti.
“Ummati Oromoo dhibdeefi roorroo olaanaa keessa akka jiru, biyya isaa keessatti diina murna xiqqootiin dhaabbiitti gubataa akka jiru otuu arginuu akkamiin callisnee teenya? Nuti, yoo waan kana otuu agarruu dhiifne namummaa akkamii qabna ree? Akkamitti akka saba keenya rakkina keessaa akka baafnu irratti yoo walgaafachuufi walmaryachuu dhiisne, akkamiin diina irraa adda baana? Dhibdeefi roorroo hamaa ummati keenya har’a keessa gale keessaa akkamiin akka bahamu akeekuun, waa hunda dura dhimma ijoo qabsoo bilisummaa Oromoo eeggatuudha.” Kanaaf, Dr Asaffaan, qorannoo dubbayyuu ijoon dubbii, “qaroomaafi beekumsaan ummata Oromoo ijaaruun humna bilisummaa tolchuu qabna,” jedhu qabatanii dhiyaataa jiran.

Qabsoon bilisummaa tokko fuulduratti akka furga’u gochuuf waantoti hedduu guutaman jiraachuu malan. Qabsoon sammuu dhala namaatiin hogganamus, waa hunda dura beekumsaafi qaroominaan ijaaramuun ba’aa garbummaa ofirraa buusuu irratti bobba’uu qaba. Beekumsaafi qaroominaan ijaaramuun kunis, waa hunda dura waan duraan qabaachaa ture, garuu immoo laafee ture, deebisee jaarrachuufi jabeessuu irratti xiyyeeffachuu qaba. Dhalooti keenya waan keessa jiran hubatanii beekan, akkamitti waan sana keessaa akka bahan illee malachuu danda’an. Marayyuun keenya har’aas ta’ee, egeree Gaammee keenya Gaammee Jaarmayaa Warraaqsaa beekumsaafi qaroominaan jabaate geessifachuudha. Dr Asaffaa Jaalataas waanuma qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuufi fardeessu mul’isuu irratti hojjachaa jiran. “Ummanni Oromoo ummata baay’ee ta’ee otuu jiruu, ofijaaru illee, jabaatee diina isaa hinmoone. Kun immoo akkanatti itti fufuu hinqabu. Fuulduratti rakkoo akkasii keessaa bahuudhaaf ummata Oromoo beekumsaafi qaroominaan ijaaruufi dammaqsuun
akka jabaatanii diina ofirraa kaasuu danda’anitti humneeffamuu qaban.”

Xurreen Xirroo bara 1970moota keessa banames haga jabaatee bakka galii
isaa hingeenyetti, ba’aan garbummaa ummata keenya irratti fe’amee jiru bu’uu hindanda’u. Diinni keenya nuun nu ajjeesaa ofii isaatii immoo badhaasamaafi faarfamaa jiraatuunis furmaata hinargatu. Hundee garbummaa kan ummata keenya irraa buqqisee kaasu, jaarmiyaa keenya jabeeffachuun lola rogmaraa belbelchuu danda’uudha. Jaarmaan keenya diina akka lamuu hindeebinetti, kan nu irraa fonqolchee kaasu, beekumsaafi qaroomina humna waraana keenyaatiin yoo qindeessamee dha; haleellaa laalessaa goototi keenya humna qubattuu diinaa irratti fudhataniin ta’a. Ayyaana guyyaa gootota keenyaa wayita kabajachaa
jirruttis, waanti jabeessinee eeggachuufi irraatti hojjachuu qabnu, akka Dr Mahaammad Hasan nu hibachiisanitti, waan qabnuun jaarmayaa keenya jabeeffachuudha. “Abdii murachuun, siyaasaa keessatti gatii hinqabu. Abdiin siyaasaa tokkoof dhiiga. Namuu waan itti amane, of kenninsaan hojjachuu irratti jabaachuu qaba. Ummati keenya mataa isaa olqabachuu qaban. Bakka tokkotti dhufanii, waliin dubbatanii galuun duuba, hojiin jabaachuu qabna. Bakka jirrutti, waan dandeenyu maraan ABO gargaaruun hojii keenya duraa ta’uu qaba. Afaaniin, qofaa otuu hintaane, maallaqaan, beekumsaafi qaroominaan jabeessuu irratti hojjachuu qabna.”

Har’as akkuma kaleessaa sanatti ummati keenya biyya isaa keessatti salphifamaa jira; akkatti bahu malee akkatti galu wallaalee raakamaa jira. Kana biraan, diinni keenya waan danda’u maraan ummata keenya cabsuufi garbummaa keessatti hambisuuf hojjataa jira. Yeroo ammaa kanattis waanti ummata k eenya irra gahaa jiru, waanuma waggaa dheeraa dura tureedha. Malli wayyaanee, maqaan jijjiirame malee hojiin akkuma kan warra isaaniiti. Namni keenya immoo wayyaanee nituffata. Wayyaaneen yeroo qabdu mara karaa itti Oromoo cabsitu irratti hojjachaa jirti. Afaan keenya barachaa jirti; aadaa keenya barachaa jirti; lafa keenya barachaa jirti; yaadaafi qalbii keenya barachaa jirti. Kun immoo diina keenya nihumnoomsa; nuun immoo ni laaffisa. Kanaaf, akka ijoo dubbii Xirrootti, beekumsaafi qaroomina jaarmayaa warraaqsaan qabsaa’uun
dhimma fardii dhaloota keenya eeggatuudha; beekumsaafi qaroominaarratti
xiyyeeffachuun qabsoo keenya qabsoo furmaataa taasisuudha. Xirroonis akkuma Xurree Bilisummaa ta’ee fulla’etti, sagalee seenaa qabsoo hidhannoo bilisummaa ta’uun faarfamuun itti fufa. Qabsoo keenya qabsoo furmaataa gochuuf har’uma haakaanu! Gumaa gootota keenyaas Bilisummaan haakaffallu!


Barruulee XIRROO: XURREE WDO_KEENYA
XIRROO:  XURREE WDO_K
P.O.Box 68558-00622
E-mail:irree_sabaa@yahoo.com
NAIROBI, KENYA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net